Loltoonni mootummaa fi hidhattoonni Somaaliyaa, Moqadishoo keessatti walitti dhukaasan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Loltoonni mootummaa fi hidhattoonni mormitootaa magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqadishoo keessatti dhukaasa walirratti kan banan yoo ta'u, kunis sababni isaa yeroon filannoo barfachuurraa muddama uumamee turedha.
Yeroon aangoo Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Caamsaa 15, 2026 kan dhumatu ture, garuu ni dheereffameef.
Mormitoonni ammoo yeroon aangoo pirezidantichaa dheereffamuun faallaa heera mootummaa biyyattii ta'uu eeruun, Kamisa har'aatti hiriira mormii waamaniiru.
Magaalaa Moqadishoo iddoowwan adda addaatti guyyaa kaleessaarraa eegalee dhukaasi dhagahamaa ture, jiraattonni dhukaasi kun halkan guutuu itti fufuu himan.
Poolisiin iddoowwan muraasatti ''hidhattoonni moortariidhaan haleellaa raawwatanii fi hidhannoo guutuun socho'an'' irratti ''duula haleellaa bal'aa'' gaggeessaa jiraachuu ibseera.
Yeroon aangoo pirezidantichaa obba'uu hordofee mootummaan federaalaa fi hidhattoonni waliin mari'achuu eegalanii turan, garuu mariin sun bu'aa hin buusne.
Pirezidant Mohmuud Somaaliyaa gara filannoo dimokiraatawaatti ceesisuu maqaa jedhuun, sirna dureewwan gosoota biyyattii bakka bu'oota isaanii itti filachuu danda'an ykn sirna pirezidantii filachuuf eeyyamu geeddaruuf yaalii gochaa jiru.
Somaaliyaan mala filannoo ''namni tokko sagalee tokko'' jedhuun filannoo kan gaggeessite bara 1969 yoo ta'u ergasii waggoota 30 darbaniif biyyattiin waraana waliiniin goolamaa turteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri muummee duraanii Hasan Alii Kaahaayiree mormitoota kaan waliin ta'uun wayita hiriira mormii Kamisa har'aatti qopheessaa turanitti loltoonni mootummaan haleellaan irratti raawwachuu dubbataniiru.
''Sababa taatee kanaan balaa uumamu kamiifuu kan itti gaafatamu pirezidantii aangoonsaanii obba'e,'' jechuun X irratti barreessan.
''Haleellaan kun duula hamaa mirgoota heera mootummaan lammiilee Somaaliyaaf kennamerratti raawwatamedha. Itti yaadamee hiriira nagaa ukkaamsuu fi ugguruuf tarkaanfii fudhatamedha,'' jedhan.
Waraana banameen hanga ammaatti lubbuun namoota meeqaa akka darbe hin baramne, taatee kanarratti pirezidanti hanga yoonaa hin dubbanne.
Pirezidnatiin duraanii Shariif Sheek Ahmad goolamni uumame kun hiriira karoorfame dhaabuu akka hin dandeenye X irratti barreessaniiru.
''Pirezidantichi fi loltoonni isaa nu doorsisuuf ykn duubatti nu deebisuuf yaadanii yoo ta'e nuti karaa keenyarraa hin maqnu,'' jedhan.
Imbasiin Ameerikaa Moqadishootti argamu haleellaan kun ''maal na dhibdeedhaan ykn miira itti gaafatamummaa hin qabneen'' raawwatamuu ibse.
Gareen hunduu ''tasgabbii mirkaneessuu fi garaagarummaa jiru karaa nagaan furuuf itti gaafatamummaa qabu,'' jedhe imbaaasichi.












