BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Kuulanii Baqqalaa: Shamarree Haarvaardirraa Injiinaringiin qabxii guddaan eebbifamteen walbaraa
Kuulanii Baqqalaa Tamasgeen tibbana Yuunvarsiitii guddicha addunyaa kan tahe Haarvaard irraa Makaanikaal Injiineriingiidhaan qabxii guddaan xumurte.
US hogganoota TPLF fi maatiisaaniirra uggura viisaa keesse
Garee TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti muddamni jabaan dhalachuu kan eere Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa muddamni kun kaaba Itoophiyaatti deebisee waraana dhaluu akkka danda'uu fi nagaa fi tasgabbii naannichaa balaarra akka buuse ibseera. Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo hogganoota TPLF fi maatii isaaniirra tarkaanfiiuggura Viisaa kaawuu kaawuu ibsameerra.
Ramaddiin tapha Piriimer Liigii 2026-27 bahe, Arsenaal Koovantarii waliin taphata
Shaampiyoonaan 2025-26 Arsenaal bara kana kan ol guddate Koovantarii Siitii waliin tokko jedhee morkii isaa eegala.
Injifannoo jalqabaa Kanaadaa hordofee waa'ee Alii Ahimed maaltu jedhame?
Alii Ahimed garee biyyaalessaa Kanaadaa keessatti taphataa urjii tahee mul'ataa jira.
Waliigaltee US-Iraan ammaa kan bara bulchiinsa Obaamaa irraa maaltu adda godha?
Waliigalteen Wal-hubannoo US-Iraan waliifa mallatteessan qabxii 14 kan qabu yoo ta'u, maaltu waliigalticha keessatti hammatamuu qabaafi hin qabuurratti qeeqi cimaan irratti ka'aa jira.
Haleellaa Yuukireen hordofee roobni gurraacha Raashiyaatti roobuu jiraattonni komii kaasan
Magaalaa Raashiyaa Mooskoo keessa waan akka shiifuu gurraachi samii irraa gadi roobe. Kun ammoo Yuukireen diroonii 200 tahuun erga gidduugala calallii boba'aa Raashiyaa haleeltee mudate.
KALLATTIIN, Ameerikaan uggura sochii galaanarraa Iraanirra keesse kaaste
Waraana dhaabuuf pirezidaantiin Ameerikaa fi Iraan waliigaltee mallatteessan. Waliigalteen kun waliigalteen ammuma waraanaa dhaabuu hojiitti hiikamu yoo tahu Faransaayitti wal mallatteessan.
Qabxiilee 14 waliigaltee walhubannoo US fi Iraan keessatti hammataman
US fi Iraan dhukaasa dhaabuun akka itti fufu waliif mallatteessuu Waayit Haawus BBCf mirkaneesseera. Waliigaltee Walhubannoo jedhamuun kan beekamu dokumantiin qophaa'e kun qabxiilee 14 hammateera.
Waancaa Addunyaa 2026: Ramaddii, sagantaa taphaafi qabxii kallattiin
Waancaa Addunyaa 2026 ilaalchisee: Sagantaa taphaa garee isa kamitu kam waliin akka taphatu, guyyaafi saatii isaa, akkasumas qabxiiwwan jiran kallattiin akka itti aanutti qophaa'eera.
Itoophiyaatti gurbaan lukkuusaa dhukkubsatte hospitaala geessee ijoo dubbii ta'e kennaa argate
Gurbaan ol adeemaa maqaan isaa Maaqos Abbaayyee jedhamuufi lukkuun isaa tibba kana ijoo dubbii miidiyaa hawaasaa ta'aniiru.
Qunxurroon maaliif ulaagaa fayyaa dhiirotaa ta'e? Akeekkachiisa baramu qaban
Qaamni saalaa dhiiraa dhangooguu (ka'uu) dhabuun akka dhibee suuta nama ajjeesuuti. Akka qorannooleen agarsiisanitti, rakkoon kuni dhiirota umriin isaanii waggaa 40 darbe keessaa walakkaa irratti mudata.
Tigraayitti hojiirraa, daandii fi mana jireenyaatii waraanaaf nama guuruun yaaddoo uume
Biroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Tigraay dargaggoota Tigraay "foo'aman" waraanaaf leenjisaa akka jiru BBC Afaan Tigriffaatti kan hime yoo ta'u, adeemsi foo'uu ykn calallii garuu "mootummaa naannootiin raawwatama" jedheera.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Tottoobaa: Ogeessa muuziqaa Oromoo weellistoonni leellisan, uummatni hin beekne
Tottoobaa Margoo jedhama. Ogeessa Muziiqaa yoo ta'uu hiriyyaa dhiyoo weellistoota akka Daawwitee Mokonnin, Hirphaa Gaanfureefi Eebbisaa Addunyaa ture.
Viidiyoo, Mana Barnootaa Injinar Taakkeleen ijaarsisan maaltu adda godha?
Kantiibaan magaalaa Finfinnee duraanii Injinar Taakkeleee Uumaa bakka dhalootasaanii Gooroosooleetti Manni Barnootaa haaromsan dinqisiifatamaa jira.
Viidiyoo, Maatii Leencoo Lataa fi gatii qabsoo...
Obbo Leencoo Lataa waggoottan 50 darban qabsoo keessatti dabarse, ijoolleesaafi haati warraa isaa, miidhaa qabsoon kun isaan irran ga'e himu.
Viidiyoo, Oolmaa Aadde Adaanech waliin: Gola Finfinnee daawwachaa gaaffii keessaniif deebii argattu
BBC Afaan Oromoo kantiibaa magaalaa Finfiinnee waliin oolmaa guyyaa tokkoo taasiseera. Gaaffilee ciccimoo gaafanneerra. Daawwadhaa
Viidiyoo, Magaalaa Hoolataatti abbaan seeraafi himattuun dhaddacharratti ajjeefaman
Haati warraasaa duraanii battalatti yoo duutu, Abbaan Seeraa hospitaal osoo hin gahiin lubbuun isaanii darbe.
Viidiyoo, MM Abiy fi Pirof. Mararaa filannoorratti yaadni isaanii waldarbe
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa 7ffaa guyyoota muraasa booda gaggeeffama.
Viidiyoo, Guyyaa walabummaa Ertiraarratti Isaayyaas waan hin eegamne dubbatan
Guyyaan walabummaa Eertiraa bara kanaa wayita US qoqqobbii Asmaraarra jiru kaasuuf murteessitetti kabajame.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
'Bu'aan filannoo diraamaa dursee hojjetamedha yaadi jedhu dhugaarraa kan fagaatedha'
Waajjirri Ministeera Muummee Itoophiyaa haala yeroo irratti ibsa baasuun Facebook isaarratti maxxanseen dhimma filannoorratti xiyyeeffateera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Pirezidantiin Ertiraa ji'oota keessatti yeroo lammataaf gara Kaayiroo imale
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa guyyaa sadii turuuf gara magaalaa guddoo Masirii, Kaayiroo deemeera.
Haleellaan shororkaa finxaaleyyii keessaa fi alaan Itoophiyaatti yaalame fashalaa'eera- Min. Nagaa
Ministeerri nagaa Itoophiyaa haala nageenyaa waktaawaa fi filannoo gaggeeffame irratti ibsa miiidyaaleef kennanniiru.
Aarsaa maatiin Obbo Leencoo Lataa qabsoo Oromoof kaffalan
Gatiin qabsoo garuu aarsaa qabsaa'aa dirree qabsoo bahe sanaarratti qofa dhaamee hin hafu. Ilmaan, maatiin, aantee, hiriyoonnii fi gosti nama qabsoof bahe kanaa golgaa seenaatiin duubatti wareegama gatii jabeessa baasu.
'Ajjeechaa Arsiitti tibbana mudateef mootummaafi WBOn quba walitti qaban'
Godiina Arsii aanaalee laama lama keessatti tibbana ajjeechaa namoota nagaarratti raawwate ilaalchisee mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) raawwachuu himate.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
'Akka lammii tokkotti yoo ta'e malee fedhii dhuunfaa hinqabu' - Aadde Adaanech
Godina Arsii Aanaa Asakoo keessatti dhalatanii kan guddatan Aadde Adaanach Abeebee, dubartoota dirree siyaasaa Itoophiyaa keessatti adda durummaan mul'atan keessaa tokko.
Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaarraa maal haa eegnu?
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa guyyoota muraasa booda adeemsifama.
Waraanamoo araara? Wantota afur mootummaafi TPLF gidduutti uumamuu malan
Haala mootummaa federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru yoo ibsan ''waraanni eegaleera'' jedhu hayyuun heeraa siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofan Dr Adam Kaase.
Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimma 'Tsimdoo' ilaalchisee hawaasa dippilomaasii Finfinnee jiruuf ibsa kennuu hime
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa sochii "Tsimdoo" jedhamuun wal-qabatee, yaaddoon "birmadummaa Itoophiyaa" irratti aggaamamu' yoo jiraate tarkaanfii fudhatu ilaalchisee hawaasa dippilomaasii biyya keessa jiruuf beeksisuu isaa ibse.
'Maatiikootti ergan ajjefame itti himamuu wayya' - Lammiilee Itoophiyaa Sa'udiitti du'a eeggataa jiran
Himannaan isarratti dhiyaate erga mirkanaa'een booda duuti akka irratti murtaa'eeefi seera Shari'aan murtoon hojiirra akka oole eeruun ''adabbiin du'aa kuni Bitootessa 13/2028 bulchiinsa Asiir keessatti raawwatameera,'' jedha.
Ispoortii
Deeggartoonni Waancaa Addunyaa sagadaa, wareegaafi shaakala hafuuraan gargaarsa kadhachaa jiru
Daliyaa Woker waancaa addunyaa darbe irratti biyyi isaanii waancaa addunyaa akka injifattu kan gargaare giddu seentummaan humna hafuurawaa wayii jira jettee amanti.
Liyonel Meesiin Aljeeriyaa irratti galchii sadii galchuun rikardii cabse
Liyonel Meesiin galchii sadii Aljeeriyaa irratti lakkoofsisuun rikardii galchii Waancaa Addunyaa qooddate.
Morkii Iran fi Iran: Tapha jalqabaa Waancaa Addunyaa Iraan UStti taphatte maaltu mudate?
Gareen taphattoota Iraan lammiilee biyyattii gidduutti tokkummaa cimsuuf yaalanis, tapha Niwu Ziilaand waliin taphatan wanti mul'ate garuu ammallee Iraanota gidduutti adda addummaan jiraachuudha.
Karra eegaan Keep Verdee addunyaan halkan tokkotti isa barte, Voozinaan, eenyu?
Keep Verdeen Shaampiyoonaa Awurooppaa Ispeen waliin qixa 0-0 xumurte.
Ulfaatina kaasuun hanguma umriin keessan deeme fayyaa keessan akka foyyeessu beektuu?
Sochiin qaamaa kamiyyuu umrii dheeraa akka jiraannu nugargaara, garuummoo jabinni qaamaa jireenyi keenya fooyya'aa akka ta'uf nu gargaara.
Biyyi bicuu shaampiyoonaa addunyaa bara 2010 Ispeen waliin walqixa baatee Keep Veerdeen eenyu?
Biyya leecelloo uumamaa qabdu miti. Hongeef saaxilamtuufi lafa qonnaaf hin mijannee qabdi. Garuu Kaappoo Verdee ykn Keep Verdeen tasgabbii siyaasaa fi diinagdeen biyya kabaja argattedha. Caalaatti hubachuuf dhiyaadhaa.
Arsenaal fi Liiverpuul taphataa Morookoo, Baawudiirratti waldorgomaa jiru-Jijjiirraa ifatti banameen kilabni keessan waan gochuu qabu
Arsenaal taphataa ol adeemaa umuriin isaa waggaa 18 Ayyuub Baawodii fudhachuuf waliin dubbachuu jalqabeera. Taphataan kun morkii Waancaa Addunyaa 2026 irratti biyyisaa Morookoon Biraazil waliin 1 fi 1 qixa baherratti ga'umsa ajaa'ibaa agarsisieerta.
Namoonni Waancaa Addunyaarratti meeshaalee taphattoota Ingilaand doolaara 18,000 baasu saamuun shakkaman himataman
Saamicha taphattoota garee biyyaalessaa Ingilaand irratti raawwateen namoonni hidhata qabu jedhamuun shakkaman himatamuun ibsameera.
Meesii, Maradoonaa, Zinaddiin moo Peelee? Jajjaboowwan Kubbaa miilaa waancaa Addunyaarratti ifan
Waancaa Addunyaa marsaa 22 taphatamee fi jaarraa tokkotti dhihaatu fulla'e, kan taphattoonni kumaatamni irratti hirmaatan keessaa taphattoota jajjaboo kudhan filachuun waan ulfaataadha. Garuu hanga danda'ame isaan kunneen filatamaniiru
Qarqara du'aatii hanga goota Waancaa Addunyaatti - imimmaan Raawul Himenees Meeksikoof lola'e
Galgalli kaleessaa guyyaa Raawul Himenees jireenyasaa guutuu eegaa tureedha. Garuummoo galgalli kun taatee waggoota muraasa dura isa mudateen yoo ilaalamu waan dhugoomu hin fakkaatu ture.
Kaardii diimaa sadii tapha jalqabaarratti - Waancaa kanarratti daanyoonni garaa jabaataa jiruu?
Waancaa Afrikaa baranaarratti tapha baniinsaan kaardiin diiman sadi kennamuun waggaa 20 booda deebi'ee kan mudateedha.
Biyoonni Afrikaa hanga ammaa maaliif Waancaa Addunyaa mo'achuu dhaban, fuulduratti hoo abdii qabuu?
Osoo Morookoon bara 2022tti xumuraaf hin gahin dura biyyoota Afrikaa keessaa sadi qofaatu nuusa xumuraaf qaqqabe- Kaameeruuun bara 1990, Seneegaal bara 2002, Gaanaa bara 2010tti.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.































































































