Waraqaa eebbaaf jettanii lubbuu keessan balaaf saaxiltuu?

Maxxanfame

Barattuun tokko Afriikaa Kibbaatti waraqaa eebbaa ishee hambifachuuf jecha yoo saamtota waliin wallaansoo qabdu ija kaameeraa nageenyaa keessa galte. Gochi kun lubbuu ishee balaaf kan saaxiluu malu ta'ulleen, milkaa'ushee shamarree ganna 26 kan taate Noksoloo Tusi BBCtti himteetti.