Iraan humni waraanaa ishee daran cimuu himte, Israa'el mootummaan Iraan hundeen raafame jetti

Iraan erga waraanni eegalee humni waraanaa ishee daran cimuu yoo ibsitu, Israa'el gamasheen mootummaan Iraan akkaan dadhabee yeroo ammaa hundeensaa raafameera jette.
Humni waraanaa Iraan guyyaa dhukaasa dhaabuun labsamerraa eegalee gama hundaan akkaataa waraanaaf qophii ta'urratti of cimsaa jiraachuu dubbi himaan eegdota warraaqsaa ibseera.
Huseen Moheebii ''yeroo waraana dhaabuun labsamu dandeettiin ergama raawwachuu loltoota keenyaa akkaan dabaleera. Carraa uumameen humni waraanuu, jabinni, qophiin fi dandeettiin balaa itti dhufu qolachuu isaa cimeera. Yeroo ammaa humni waraanaa keenya kan kanaan duraarra ga'umsa gaarii fi cimina olaanaarratti argama,'' jedhe.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ammoo mootummaan Iraan haleellaa isa mudateen hundeensaanii raafamuu fi kufuunsaa waan hin oolle ta'uu X irratti barreesseera.
''Bulchiinsichi [Iraan] bakka duraan turetti gonkumaa deebi'uu hin danda'u. Kufuunsaa mirkana ta'uu isinitti himuun barbaada,'' jedhe.
MM israa'el kun erga hoogganaa olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii Israa'el hunkutooftee badaa jiraachuu ibsanii booda yaada kana kenne.
Mojtabaa Kaameenii ibsa dhiheenya kennan keessatti ''waggoota 15 booda Israa'el waan jedhamu hin arginu,'' jedhan.
Ni dhabamti yaada jedhu kennan.








