KALLATTIIN, Dhorkaa US booda dooniiwwan afur Iraan waliin hidhata qaban Hormuuz keessa bahan

Daataan sochiiwwan doonii faana dhahu BBC'n xiinxale akka agarsiisutti dooniiwwan Iraanitti hidhata qaban afur US ulicha cufe jettuus keessa bahaniiru.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Meeloniin dhimma waraana Iraan dubbachuuf hamilee hin qabdu - Tiraamp

    Tiraamp fi Meelonii

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Meelonii

    TIraamp, Ministirri Muummee Joorjiyaa Meelonii dhimma waraana Iraan dubbachuuf hamilee hin qabdu jechuusaa miidoiyaan Xaaliyaanii gabaase.

    ''Yoon dubbii ishee dhagahu nan rifadhe. Hamilee qabdin ishee se'aa ture, garuu nan dogoggore," jedhe Tiraamp gaazexaa Xaaliyaanii Corriere della Sera jedhamuuf yaada kenneen.

    Meeloniin ''bakka ishee Ameerikaan bakka ishee akka hojjettuuf yaaddi'' jechuunis qeeqe.

    Yaadni Tiraamp kun qeeqa inni Phaaphaasii Kaatolikii Roomaa irratti kenne fudhatama hin qabu jechuu Melonii hordofee dhagahame.

    Deebiisaatiin Tiraamp, "kan fudhatama hin qabne ishee dha, isheedha kan yoo Iraan nukilarii hidhatte nan galchu jechaa jirtu jechaa jirtu" jedhe. Iraan yoo nukilarii hidhatte Xaaliyaanii daqiiqaa lma keessatti daaraa gooti jechuun haasawa Meeloniirraa dallansuu qabu agarsiise.

  2. Mariin Israa'elii fi Libaanos Waashingtan DC'tti amma eegaluufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Mariin Israa'elii fi Libaanos WaashinGtan DC'tti amma eegaluufi.

    Marii kanarratti Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo akka hirmaatan yaadannoon Ministirri Dhimma Alaa ni agarsiisa.

    Ameerikaatti Ambaasaaddarootni biyyoota lamaanii jechuunis - Ambaasaaddarri Israa'el Yaachii Leeyitar fi Ambaasaaddarri Libaanos Naadaa Hamadeeh Mowaad qooda ni fudhatu.

    Yaadannoon kun akka mul'isutti ambaasaaddaroonni lamaan marii cufaan kun eegaluun dura haasawa ni taasisu.

  3. Iraan waraanni tilmaamaan qabeenya dolaara bil. 270 ta'u na jalaa mancaase jette

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mancaatii Teehraan keessaa suura agarsiisu

    Iraan waraanni tilmaaman qabeenya dolaara bil.270tti ta'u na jalaa mancaase jette.

    Iraan marii nagaa keessatti beenyaa gaafachuuf akka isheef tolu mancaatii waraanni isheerraan gahe madaalaa turte jedha miidiyaan Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) waliin qabu Tasnim news agency.

    Dubbii himtuun mootummaa Iraan Faatimiih Mohaajeriin, miidiyaa Raashiyaatti akka dubbattetti, "qorannoo dursaatiin" mancaatiin waraanni Iraan irraan gahe dolaara biliyoona 270 ta'a. Kun garuu qorannoo dabalataan jijjiiramuu danda'a.

    Aangawoonni qorannoo dabalataa itti fufanii jiru, qorannoon kun mancaatii ijaarawwan irra gahee fi galii cufamuu indaastiriiwwaniin wal qabatee hir'ate ilaallata jette akka gabaasa Tasniim kanatti.

    Beenyaan mancaatiif kaffalamau dubbii ijoo marii nagaa keessatti Iraan dhiyeeffatte keessa tokko ta'uu Mohaajeraan dubbatteerti.

    Pireezdaantii Itti aanaan US JD Vaans, Paakistaanitti "mariin murteessaan" godhamuu ibsanii garuu waliigalteerra gahuun akka hin danda'min dubbatanii turan.

  4. 'US fi Iraan waayee marii itti fufuu ilaalchisee 'odeessi homaatuu' hin jiru' - Miidiyaa Iraan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Mariin Islaamaabaad itti fufuu irratti wanti dubbatame hin jiru

    Miidiyaan mootummaa Iraan, IRNA, Teehraanii fi biyya jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fiddu, Paakistaan, jidduu haasaan jiraachuu eeree, US fi Iraan waayee marii itti fufuu ilaalchisee 'odeessi homtuu' hin jiru jedhe.

    Maddeen dippilomasii wabeeffachuun miidiyaan kun akka gabaasetti, mariin Sanbat-duraa darbee itti fufuuf abdii hin agarsiifne.

    Kana dura, Rooytarsi jilli marii nagaa US fi Iraan marii itti fufuun waraanatti xumura gochuuf torban kana gara Islaamaabaad deebi'uu danda'u jechuun maddeen marii kanarratti hirmaatan wabeeffatee gabaasee ture.

  5. Xaaliyaaniin waliigaltee waraanaa Israa'el waliin qabdu adda kutuuf

    MM Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliigaltee waraanaa Israa'el waliin qaban akka adda kutan himte.

    Itti dabaluun Meelooniin Ulaa Hoormuz banuuf waan danda'ame hundaa gochuu qabna jette.

    Tibbana Xaaliyaanii fi Israa'el gidduu muddamni biraa dhalateera.

  6. Osoo US cufe jettuu dooniiwwan Iraanitti hidhata qaban afur Hormuuz keessa bahuu ragaan mul'ise

    Ulaa Hormuuz
    Ibsa waa'ee suuraa, Waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura Iraan Ulaa Hormuuz cufaa turte

    Daataan sochiiwwan doonii faana dhahu BBC'n xiinxale akka agarsiisutti dooniiwwan Iraanitti hidhata qaban afur US ulicha cufe jettuus keessa bahaniiru.

    Akka ragaan MarineTraffic agarsiisutti, afran keessaa dooniiwwan lama buufata doonii Iraan dhaqaniiru.

    Dooniiwwan Iraan ulaa Hormuuz qaxxaamuran jedhaman keessa kanneen Ameerikaan qoqqobdes keessa jiru.

    Fakkeenyaaf dooniiwwan Rich Starry fi Murlikishan jedhaman kanneen qoqqobamanidha.

    Dooniiwwan kuni teessoo isaanii dhoksuuf gabaasa sobaa dhiheessaa akka turan amanama.

    Waraanni Ameerikaa gaafa Wiixataa ALI waaree booda sa'aatii 11 eegalee dooniiwwan hunda gara buufatawwan doonii Iraan deemaniifi deebi'an akka dhorku ibseera.

    Kanaan ala garuu sochii dooniiwwan biroo Ulaa Hormuuz seenaniifi bahan garuu akka hin danqine ibse.

  7. 'Tarkaanfii waraanaa Ameerikaan fudhattu rakkoo ofumaaf uumte hammeessa'

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Iraan marii nagaa itti fufuuf qophii tahuu himan.

    Wal dhabdee kana furuuf dippilomaasiin filannoo isaanii akka tahe beeksisaniiru.

    Masuud pirezidaantii Faransaay, Imaanu'eel Maakiroon waliin yeroo mari'atan kana dubbachuu miidyaaleen gabaasaniiru.

    Masuud marii Maakiroon waliin taasisan irratti doorsisa, dhiibbaafi waraanni furmaata hin tahu jedhaniiru.

    Inumaayyuu kun rakkoo Ameerikaan ''ofumaaf uumte'' hammeessa jedhan.

    Itti dabaluun biyyoonni Awurooppaa akka Ameerikaan seera idil-addunyaaf bitamtu jajjabeessuu qabu jedhan.

  8. 'Balaafamaa fi ittigaafatamummaa kan hin qabne' jechuun Chaayinaan Ameerikaa qeeqxe

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Ameerikaan buufataalee doonii Iraan keessaa dooniiwwan fe'umsaa akka hin baanee fi hin galle danquun ''balaafamaafi kan itti gaafatamummaa hin qabne'' jedhan.

    Ameerikaan Wiixata kaleessaarraa jalqabuun hulaa Hormuuz kana cufte.

    Kunis mariin nagaa buusuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti Paakistaanitti gaggeeffamaa ture milkaa'uu dhabuu isaa irraa kan ka'edha.

    Dubbii himaan Mininstira Dhimma Alaa Chaayinaa Guu Jiyaakuun dhorkaan ykn hulicha cufuun muddama jiru hammeessa malee hin furu jedhan.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu ammayyuu balaarra buusa jechuunis akeekkachiisan.

    Jiyaakuun dubbii Chaayinaan meeshaa ittisa qilleensarraa haaraa Iraaniif dhiyeessaa jirti jedhu soba jedhe.

    Dhiyeessiin Chaayinaa kun akka odeeffameen Tiraamp meeshaalee Chaayinaa irratti qaraxa %50 dabarsa jechuun doorsisan.

    Yoo Ameerikaan kanuma sababa godhachuun Chaayinaa irratti taarifa dabarsuuf murteessite Chaayinaanis tarkaanfii kana madaalu akka fudhattu akeekkachiisan.

    Chaayinaan boba'aa guddaa Iraan irraa kan galfattu yoo tahu waraanni kun akka dhaabbatu barbaaddi.

  9. Hulaa Hormuuz cufuun bu'uura seeraa hin qabu- UN

    UNtti Ejensii dhimma Galaanarraa kan tahe 'International Maritime Organisation' biyyi kamiyyuu qaama bishaanii idil-addunyaa kana cufuuf mirga hin qabu jedhe.

    Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Arseniyoo Doominiigeez BBC Radio 4tti akka himetti, haala ulfaataa keessa jirra.

    ''Walitti bu'insi akka gaggeeffamaa jiru nan hubadha. Haa tahu malee, qaama bishaanii idil-addunyaa tahe cufuuf seerri idil-addunyaa eeyyamu hin jiru jedhe.

    ''Hammuma tarkaanfiiwwan haloo bahuu fudhataman yaaddoon dooniiwwan 20,000 achiin darbuuf jedhanii danqamanii dabalaa deema.

    Namni kamiyyuu addunyaa irraa gama dinagdeenis ni miidhama jedhe.

  10. 'Iraan gabbisa nikularaa waggaa shaniif guutummaan dhaabuuf yaada dhiyeessitus US waggaa 20 malee jettee didde' - gabaasa

    Wiirtuu gabbisa nikularaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan yuraaniyeemii gabbisuu waggaa shaniif guutummaan dhaabuuf yaada dhiyeessitus US ammoo waggaa 20 yoo ta'e malee jechuun diduu gabaafame.

    Gaazexaan Niwu Yoork Taayims qondaalota Iraanifi US irraa odeeffadhe jechuun akka gabaasetti, marii US fi Iraan magaalaa guddoo Paakistaan Islaamaabaaditti gaggeessan irratti Iraan waggaa shaniif gabbibsa yuraaniyeemii akka dhaabdu yaada dhiyeessitee turte.

    US garuu "Iraan yoo xiqqaate waggaa 20 kan ta'uuf gabbisa yuraaniyeemii guutummaan addaan kutuu qabdi" jechuun yaada Iraan dhiyeessite kufaa goote.

    Marii Paakistaanitti taasisan irratti biyyoonni lachuu gabbisa nikularaa adda kutuurratti yaadasaanii sanada wal-jijjiiranis yeroo hagamiif gabbisi nikularaa adda cituu akka qaburratti waliigaluu hin dandeenye.

    Haa ta'u garuu, USfi Iraan marsaa biraa wal-arganii mariyachuuf carraan akka jiru maddeen biyyoota lamaanii irraa odeeffachuu ibsa gabaasi Niwu Yoork Taayims kun.

    Dhimmi gabbisa nikularaa Iraan ijoo marii Paakistaanitti godhamee ta'us, waliigalteerra gahamuu dhabuusaaf ammoo biyyoonni lachuu quba walitti qaban.

  11. Ashamaa!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa jalqabneerra.

    Odeeffannoo waktawaa idiladdunyaa isin biraan geenyu karaa Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.

    Humni Galaanaa US Ulaa Hormuuz dooniwwan buufataalee galaanee Iraan seenaniifi bahanitti cufuu hojiirra oolchuu eegaleera.

    Iraan gabbibsa nikularaa waggaa shaniif adda kutuuf yaada dhiyeessitus US fudhachuu diduufi odeessaallee biroos duuka buunee isin biraan geenya.

    Dhiyaadhaa!