Pirezidaantoonni naannolee Itoophiyaa sagalee kennaa jiru

Madda suuraa, FMC
Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegale irratti pirezdaantootnoi naannolee hirmaachuun sagalee isaanii kennuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Qondaaltota olaanoo hanga yoona sagalee kennan keessaa Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Dooktar Nagash Wageeshoo , Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo fi Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badrii kanneen buufata filannoo naannoo isaaniitti sagalee isaanii kan kennan ta’uu ibsameera.
Qondaaltoti olaanoon naannolee kunneen lammiileen adeemsa filannoo keessatti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru













