Madda suuraa, Kevin Dietsch via Getty Images
Ameerikaafi Iraan waliigaltee
dhukaasa dhaabuu kan hojiirra oolchan gaafa Ebla 8 ture. Israa’el waliigalticha
deeggartus Libaanos hin dabalatu jette.
Mootummaan Warraaqsaa Iraan yoo Libaanos haleelamte
otoo ‘’gaabbuu’’ deebii akka kennu hime.
Ergasii waliigalteen dhukaasa dhaabuu laaffataa
tahe kuni qoramaa bahe. Ameerikaa fi Iraan waraana kana dhaabuurratti ergaa wal make
dabarsaa bahan.
Ergasii
dhimmoota mudachaa turan kunooti
Ebla 8: Guyyaama waliigalteen dhukaasa dhaabuu jalqabe
Israa’el Libaanos keessatti iddoowwan qiyyaafannoo 100 daqiiqaa 10 keessatti haleeluu
himte. Kanaanis namoonni 300 lubbuu dhaban. Qondaaloti biyyattii guyyaa
balaafamaa waggoota kurna keessatti mul’ate jedhan. Ministarri Iraan ‘’sarbama
waliigaltee dhukaasa dhaabuu guddaa,’’ jedhe.
Ebla 13: Marii Paakistaanitti taasifameen Iraaniifi
Ameerikaan walligaluu didnaan US buufataalee doonii Iraan ugguruu jalqabde.
Ebla 16: Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanoosiifi Israa’el
Tiraamp labsan guyyaa kudhaniif akka ture barame.
Ebla 17: Ulaan Hormuuz-daandii ijoo
boba’aan itti geejibamu, yeroo waraanaa Iraaniin uggurame ture dooniiwwan
daldalaaf banaa tahe.
Kuni hamma Ebla 18 qofa kan ture
yoo tahu Teeharaan sababa humni galaanaa US uggura kaa’aa jiruuf ulaa kana akka
hin banne himte.
Ebla
23: Mariin marsaa lammataa Israa’eliifi
Libaanos Waashingitanitti qabame. Tiraamp waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi
Libaanos baatii sadiin dheerate jedhe.
Ebla 24: Ergamaan addaa
Ameerikaa Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushnar mariidhaaf gara Iraan deemuuf
turan garuu Tiraamp imala kana haqe. Ameerikaan ‘’kaardii hunda of harkaa qabdi’’ jedhe.
Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas
Araachii ‘’Ameerikaan dippiloomaasii akka waan maayibaasutti ilaalaa hin jirtu,’’
jedhan.
Caamsaa 3: Tiraamp waan Project
Freedom jedhamu labsan. Kunis dooniiwwan Ulaa Hormuuz cufameen danqaman kan
qajeelchu dha. Gaafa Caamsaa 5 deebisee pirojektichi yeroo dhaabbateera jechuun
kunis US fi Iraan akka waliigalan argauufi jedhe.
Caamsaa 12: Waliigalteen
dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraan sadarkaa ‘’lubbuu baraaruu’’ irra jira jedhe.
Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan Mohaammad Gaaliibaaf hidhattoonni Iraan ‘’weerartootaaf
deebii kennuufi gatii isaanii isaan barsiisuuf qophii dha,’’ jedhan.
Caamsaa 24: Iraan waliin dhimmi
waliigaltee ‘’bal’inaan marii’atameera,’’ odeeffannoon dabalataa dhihootti baha jedhe Tiraamp.
Dubbihimaan ministeera hajaa alaa Iraan dhimmoota muraasa irratti walgahuun,
dhimmoota ijoo irrattti waliigalteen jira jechuu miti jechuun akeekkachiisan.
Waxabajjii 6: Ameerikaafi Iraan Galoo-galaana
irratti wal haleelana. Humnooti Ameerikaa dirooniiwwan fi naannolee raadaarii
Iraan yoo haleelan, Iraan buufataalee Ameerikaatti misaayela dhukaafte.
Waxabajjii
7: Iraan Israa’el irratti misaayela
danuu dhukaafate mootummaan warraaqsaa ‘’jalqabbii haleellaa torbee guutuuti,’’
jedhe. Haleellaan Iraan erga Israa’el qiyyaafannoo Hezboollaa kibba Beeruut
keessatti haleeluu ibsuun booda dhagahame.