Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp waraana Israa'el fi Hizboollaa irratti Neetaaniyaahuu arrabse

Humi Waraanaa US misaa'eloota Iraan rukuttee kuffisuu ibsuun haleellaa of-ittisuu Iraanirratti gaggeessuu beeksifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Buufataaleen filannoo hundi sagalee lakkaa'uu xumuranii bu'aan ida'amaa jira' - Boordii Filannooo

    Walitti qabduun Boordii Filannoo Itoophiyaa Melaatewarqi Hayiluu ibsa galgala kana kennaniin ''buufataaleen filannoo hundi sagalee lakkaa'uu xumuranii jiru," jedhan.

    Sagaleen buufataalee filannoo irraa walitti qabame gara Naannolee Filannootti ergamuun hojiin walitti ida'uu hojjetamaa jiras jedhan.

    Kana malees, hojii walitti ida'uu Naannolee Filannoo xumuramuun kan gara ''wiirtuu mirkaneessuuttii'' geessuuf Naannoleen Filannoo imala jalqaban akka jiranis ibsaniiru.

    Hojiin ida’uu sadarkaa naannoolee filannoo wayita xumurame hojiin mirkaneessuu kan hojjetamu ta’uus dubbatan.

    Kanaafis gareen bu’aa filannoo mirkaneessu hundaa’uun leenjii fudhachaa jiraachuu eeraniiru. Boordichi bu’aa sagalee waliigalaa ''yeroo isaa eegee'' kan ibsu ta’uus dubbatan.

    Yeroo ammaa Boordichi komiiwwan paartilee garagaraarraa dhiyaatan fudhataa fi ragaalee walitti qabaa jiraachuus himan.

  2. Heelikooptarri humna waraanaa UK kufee caccabee namoonni sadii lubbuu dhaban

    Miseensonni humna waraanaa UK (Royal Navy) sadii balaa heelikooptaraa otoo isaan iddoo Devoon jedhamutti shaakalarra jiranii qaqqabeen lubbuu dhaban.

    Dubbiihimaan Rooyaal Neevii ''gadda guddaadhaan miseensonni sadii yeroo shaakala heelikooptaraa lubbuun isaanii darbeera,'' jedhe.

    ''Maatii miseensotaatti dhimmi kuni himamus odeeffannoon dabalataa gadhiifamuun dura yeroon akka isaaniif kennamu gaafataniiru. Qalbiifi yaadani keenya maatii miseensota du'an waliinii,'' jedhe

    Ministirri Mummee biyyattii Ser Kar Istaamar yaada X irratti barreessaniin balaa kana ''baayyee gaddisisaa'' jechuun maatii fi hiriyyoota miseensota lubbuu dhabaniif ''jajjabina'' hawwaniiru.

    Hogganaan humna waraanaa UK Jeneraal Sar Gaawayiin Jeenkiins, ''kuni hawaasa humna waraanaa hundaaf ''rifaaasisaa'' jedhan.

    Balaa kanaan miseensa maatii isaanii warra dhabaniif ''gadda natti dhagahameen'' ibsuu barbaada,'' jedhan.

    Heelikooptarri balaan mudate kuni Meerliin Mk4 jedhama.

  3. MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu erga Tiraamp arrabsee booda yaada kenne

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp wayita Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu waliin bilbilaan dubbatetti waraana Israa'el fi Hizboollaa irratti yaada kenneera.

    Miidiyaan US Axiso jedhamu Tiraamp ''nama sammuun darbe'' jechuun Neetaaniyaahuu arrabsuu gabaase.

    Sana booda Tiraamp gaaffii fi deebii poodkastii ''Pod Force One'' jedhamu waliin taasiseen arrabsoo kana Neetaaniyaahuun jechuu amane.

    Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ammoo yaada kenneen Tiraamp waliin akka michuuwwan ykn hiriyoota dhihootti hojjetaa jiraachuu ibse.

    Neetaaniyaahuun miidiyaa US CNBC jedhamutti wayita dubbatetti innii fi Tiraamp dhimma waraana Iraan ilaalchisee qabxiilee murteessoo ta'anirratti walta'uu fi garuu dhimmoonni irratti walii hin galles akka jiran hime.

    ''Yeroo garii, akkuma maatiittiyyuu, waliigaluu dhabuun ni jiraata. Garuu kallattii walitti nu fidurratti hojjenna. Akka hiriyoota dhihootti waliin hojjenna. Ganama waldhabnee galgala ammoo tokko taanee mul'achuu dandeenya,'' jedhe.

    Tiraamp yoomiyyuu michuu Israa'el kan jedhe Neetaaniyaahuun waraanni Iraan akka itti fufu yoo barbaachise kan murteessu Tiraamp ta'uu hime.

  4. Tiraamp hoogganaa olaanaa Iraan waliin ''walargee dubbachuun barbaada'' jedhe

    Tiraamp gaaffii fi deebii poodkastii ''Pod Force One'' jedhamu waliin taasise keessatti waa'ee hoogganaa olaanaa Iraan Mojtabaa Kaameenii dubbateera.

    Waraana dhaabuun marii nagaa gaggeessuu keessatti hirmaannaa Mojtabaa Kaameenii ilaalchisuun wayita dubbatu ''sirriitti hirmaannaa qaba. Baayyee isa kabaju natti fakkaata,'' jedhe.

    Tiraamp hoogganaa olaanaan Iraan kun fayyummaa gaariirra akka hin jirre dhagahuu dubbate.

    Garuu yeroo mariin gaggeeffamaa ture akka hirmaatu [Mojtabaa Kaameenii] eeyyamuu hime.

    Tiraamp Mojtabaa Kaameenii argachuuf carraa argatee akka hin turres dubbate.

    ''Argachuun barbaada ture. Yeroo ta'etti inuma walargina jedheen abdadha. Adeemsi jiru garamitti akka ba'urratti hundaa'a,'' jedhe.

    Tiraamp ammallee US waraana Iraan kanarratti milkaa'uu dubbate.

    Sababni isaas waraanni Iraan waan injifatameef jedhe.

  5. Haleellaa Iraan buufata xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatteen lubbuun namaa darbe, 63 madaa'an

    Haleellaa Iraan buufata xiyyaaraa Kuweet irratti gaggeessiteen yoo xiqqaate namoonni 63 miidhamuu Ministeerri Fayyaa Kuweet ibse.

    Haleellaa kanaan hanga ammaatti lubbuun nama tokkoo darbeera.

    Iraan haleellaa kana haleellaa duraan US taankarii boba'aa ishee fi odoola isheerratti raawwatte haaloo ba'uuf raawwataa akka jirtu ibsite.

    Humni waraanaa Kuweet misaa'eloonni 13 fi dirooniiwwan 17 Iraan irraa itti dhukaafamuu ibse.

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp ammallee mariin Iraan waliin gaggeeffamaa jiraachuu yoo himu, Iraan garuu mariin homaatuu hin jiru jette.

    Tiraamp tarkaanfii waraanni Israa'el Libaanos keessatti fudhataa jiru ilaalchisuun wayita yaada kennu hojii Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuutti akka hin gammadne ibseera.

    Inumaa Neetaaniyaahuun ''maraatummaa daangaa darbe'' keessa jira jechuun arrabse.

    Neetaaniyaahuun waraanni Hizboollaarratti xiyyeeffatu bal'inaan itti fufa jechuun dhaadateera.

    Hizboollaan Libaanos jiru haleellaa Israa'el haaloo ba'uuf kaaba Israa'elitti rookeetiiwwan hedduu dhukaasuu ibseera.

    US fi Iraan wayita mariitti deebi'u jedhamanii abdatamanitti gara waraanaatti deebi'uun wal haleeluu eegalaniiru.

    Iraan haleellaa US haaloo ba'uuf buufata xiyyaaraa Kuweet irratti haleellaa raawwatteen namoonni miidhaman hospitaala humna waraanaatti yaalamaa jiru.

    Ministirri humna Ittisaa Kuweet Sheek Abdullaa Alii Abdullaa AL-Salem Al-Saba namoota miidhaman hospitaalatti daawwataniiru.

    Kuweet gamasheen dippiloomatonni Iraan lama akka biyyattii keessaa ba'an ajajjeetti.

    Ministeerri dhimma alaa Kuweet dippiloomaatii Iraan Hamed Hamiid Yaaquubii Faar waamuun komii mootummaan Iraan irraa qabu itti himaniiru.

    Aanga'oonni Iraan lama sa'atii 24 keessatti akka Kuweet keessaa ba'anis ajajaniiru.

  6. Tiraamp ''nama sammuun dhibame'' jechuun Neetaaniyaahuu arrabse

    Tiraamp gaaffii fi deebii poodkastii ''Pod Force One'' jedhamu waliin taasiseen dhimma lola Israa'el fi Hizboollaa irratti Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaniyaahuu waliin yaada bilbilaan wal jijjiiran irratti dubbateera.

    Tiraamp Neetaaniyaahuudhaan ''maraataa daangaa darbe'' jechuun arrabsuu fi nama galata hin qabne jechuun himachuu irratti gaafatamee ''dhuguma jedheeraan,'' deebii jedhu kenne.

    Aanga'aan Ameerikaa kun qondaala gameessa yeroo dheeraaf Israa'el bulchaa jiru kana arrabsuu fi himachuu kan gabaasee ture miidiyaa US Axios jedhamu.

    Miidiyaan kun qondaala US maqaan hin dhoofne wabeeffachuun akka gabaasetti Tiraamp Wiixata wayita Neetaaniyaahuu waliin bilbilaan dubbatu akkas jechuun itti dheekkame.

    ''Ati maraataa daangaa darbe. Osoo an hin jiraannee yoona mana hidhaa jirta. Yakka kee fokkisaa sana jalaa si baraaraan jira. Amma namuu si jibba. Sababa kanatti yeroo ammaa hunduu Israa'el jibbeera.''

    Tiraamp gaaffii fi deebii poodkastii ''Pod Force One'' waliin taasise keessatti ''Bibi [maqaa masoo Beenjaamiin Neetaaniyaahuu] waan kana dhaabuutu nurra jira. Dhaabuu qabna,'' jechuu hime.

  7. Haleellaa diroonii daangaa Yukireen to'annoo Raashiyaa jala jiru keessatti otoobisiiirratti raawwateen torba du'an

    Haleellaa kutaa Yukireen to'annoo Raashiyaa jala jiru keessatti dirooniidhaan raawwatame kanaan namoota torba du'an irratti dabalataan namoonni 11 madaa'uu aanga'oonni ibsaniiru.

    Raashiyaan baha bulchiinsa Doonetiski keessatti kan muudde Deeniis Puushiliin, haleellaan kun konkolaataa Moskoo irraa gara Kireemiyaa imalaa turerratti raawwatame jedhe.

    Roobii har'aa Seeyinti Piitarsbarg keessatti aarri samiitti ol ka'ee mul'ataa kan ture yoo ta'u, Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii kuusaa boba'aa magaalattiirratti haleellaan raawwatamuu mirkaneessaniiru.

    Haleellaan kun wayita Raashiyaan Fooramii Diinagdee qopheessitetti raawwate.

    Kibxata kaleessaa haleellaa Raashiyaan magaalota Yukireen irratti raawwatteen daa'immanii fi dubartoota dabalatee namoonni 22 caalan ajjeefamaniiru.

    Puushiliin haleellaa baasii irratti raawwateen namoonni torba ajjeefamuu ibsuun, namoonni miidhaman 11 ammoo wal'aansa argachaa jiru jedhe.

    Yukireen waa'ee haleellaa baasii (konkolaataa) irratti raawwatamee hanga yoonaa homaa hin jenne.

    Raashiyaan kaleessarraa eegalee diroonii Yukireen irraa ka'an 350 rukuttee buusuu ibsiteetti.

  8. Haleellaa diroonii Iraan Buufata Xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatteen hedduun miidhaman

    Haleellaa diroonii Iraan Roobii ganama buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Kuweet irratti raawwatteen balaliin addaan citeera.

    aleellaa kanaanis namoonni hedduun madaa’aniiru.

    Haleellaan buufata xiyyaaraa Kuweet irratti raawwatame kun erga Tehraan fi Waashingten wal haleeluu jalqabaniin booda kan raawwatedha.

    Dhaabbileen oduu Iraan lama Iraan marii dhukaasa dhaabuu dheeressuuf Ameerikaa waliin taasiftu addaan kutuun ishee Kibxata gabaasanii ture.

    Tiraamp garuu gabaasa kana kuffisuun mariin gaggeeffamaa jira jedhanii ture.

    Dubbi-himaan humna Ittisaa Kuweet Birgaader Jeneraalii Sa’ud Abdulaziiz Al-Otahibii akka jedhanitti, “haleellaan diroonii hedduun” buufata xiyyaaraa kana irratti xiyyeeffataniiru.

    Haleellaa kanaan gamoo keessummeessaa imaltootaa (Terminal 1) irratti miidhaa cimaan qaqqabuu fi ''namoonni hedduu'' madaa'uu himan.

    Torban darbe keessa Waraanni Ameerikaa Iraan Kuweetiifi Baahireen irratti haleellaa raawwachuu himachuun deebii waraanaa akka fudhatu ibsee ture.

    Har'ammoo Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii gaggeessuu hordofee Ameerikaan haleellaa kana raawwachuu kan ibsite.

    US odoola Iraan Qeshim jedhamuufi Ulaa Hormuuz irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta'u, haleellaa kana kana ofirraa tarkaanfii ittisuuti jette.

  9. Ameerikaa fi Iraan haleellaa walirratti gaggeessuu ibsan

    Waraanni US haleellaa Iraanirratti gaggeessuu beeksise. Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran irratti haleellaa misaa'elaafi diroonii gaggeessuu hordofeeti US haleellaa kana raawwachuu kan ibsite.

    US oddoola Iraan Qeshim jedhamuufi Ulaa Hormuuz irratti haleellaa kan gaggeesse yoo ta'u, haleellaa of-ittisuuti jedhame.

    Iraan gamasheen misaa'elaafi diroonii fayyadamuun buufataalee waraanaafi helikoptaroota US buufataalee US keessa jiran irratti haleellaa gaggeesse jette.

    Ajaji Guddugalaa US, Iraan misaa'eloota baalistikii lama gara Kuweetitti dhukaasuufi sadi ammoo Bahireenitti dhukaasuushee ibsuun, misaa'elota kanneen humnoota waraanaa biyyoota kanneenii waliin ta'uun qolachuu beeksise.

    Haleellaan kun kan dhagahame mariin dhukaasa dhaabuu dheeressuufi waraana dhaabuuf waliigaltee gochuu yeroo danqamee jirutti.

    Eegdonni Warraaqsa Islaamaa gamasaaniin "nageenya Ulaa Hormuuz jeequun waraana UStiif balaa guddaa fidee dhufa" jedhe.

  10. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo har'aa eegalleera!

    Iraan buufataalee US irratti haleellaa gaggeessuu ibsite. US ammoo misaa'elota Iraan qolachuun haleellaa gaggeesssuu beeksifte.

    Odeessa biyya keessaafi idiladdunyaa isin biraan keenya.

    Dhiyaadhaa!