US guyyaa sadi keessatti si'a lammaffaa Iraanirratti haleellaa gaggeessite

Humni Waraanaa US magaalaa buufata doonii Iraan kan taate Baandar Abbaas irratti haleellaa gaggeessuu beeksise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US daandiiwwan xiyyaaraa Iraan buufataalee xiyyaaraa biyyoota biroo akka hin fayyadamne dhorkuuf

    Iskoot Beseent

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan daandiiwwan xiyyaaraa Iraan buufataalee xiyyaaraa biyyoota biroo akka hin fayyadamne, boba'aa akka hin guuttanneefi gurgurtaa tikeetii dhorkuuf tahuu itti gaafatamaan waajira faayinaansii beeksiseera.

    Iskoot Beseent fuula X irratti akka ibsanitti tarkaanfiin kuni qaama duula qoqqobbii Iraan irratti adeemsifamu akka tahe eeruun daandilee xiyyaaraa Teehraan irratti kaa'uuf qophii tahuu ibsaniiru.

    Ameerikaan daandiiwwan xiyyaaraa Iraan buufataalee xiyyaaraa biyyoota biroo akka hin fayyadamne dhorkuun dhiibbaa diinagdee Iraan irratti taasiftu jabeessuuf tahuu beeksiftee jirti.

    Dabaluunis Iskoot humni galaanaa Ameerikaa buufataalee galaanaa Iraan irratti dhorkaa kaa'e, ''boba'aan Iraan gabaaf dhiyaatu akka hir'atu,'' kanaanis ''diinagdeefi maallaqni biyyattii akka laaffatu,'' gochuu himaniiru.

    Loltoonni isaanii kaffalamaafi hin jiru, miseensonni poolisii hojii irratti hin argaman akkasumas odolli Kaargi akkuma cufametti jira kan jedhan Beseent ''marii kanarraa deebiin quubsaa argamu qofatu adeemsa kana dhaabsisuu danda'a,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

  2. Omaan qaraxa Ulaa Hormuuzirra kaa'amu haala mijeessuun akka hin hirmaanne US akeekkachiifte

    Doonii galaanarra deemu

    Madda suuraa, Reuters

    Omaan Ulaa Hormuuzirra qaraxa kaa'amu irratti kallattiinis tahe ala kallattiin haala mijeessuun akka hin hirmaanne Ameerikaan akeekkachiifte.

    Ameerikaan dabaluunis qaamni kamiyyuu kanarratti hirmaata taanaan adabbiin akka isa eeggatu beeksiftee jirti.

    Waajirri maallaqaa kan hogganan Iskoot Beseent miidiyaa hawaasaa X irratti ergaa dabarsaniin ''Ameerikaan Ulaa Hormuuz irratti qaraxa kaffalchiisuuf tattaaffii godhamu mara hin obsitu,'' jedhan.

    ''Omaan keesumaa waajirri faayinaansii kallattiinis tahe al kallattiin kaffaltii Ulaa kanarratti kaa'amu mijeessuun kanneen hrimaataniifi hirmaachuuf fedhii qaban irratti akka adabamu beekuu qaba,'' jedhan.

  3. Waraana Yukireeniin loltoonni Raashiyaa 500,000 du'aniiru - Tajaajila Tikaa Biriitiish

    Loltuu qawwee qabatee jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Erga Moskoon bara 2022 Yukireen weerartee loltoonni Raashiyaa 500,000 tahan du'uu Ejansiin Tikaa guddichi Biriitiish ibse.

    Lakkoofsa kana kan ibse hoggantuu Dhaabbata Koominikeeshinii Mootummaa Biriiteen Aan Kiist Batileer dha.

    Moskoo fi Kiiv yeroo garaagaraatti gama faallaan namni meeqi akka ajjeefame ibsaa bahan, garuu ibsa bal'aa hin kennine.

    Guraandhala darbe garuu Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii bara 2022 irraa qabee loltoonni 55,000 ajjeefamaniiru jedheera.

    Miidiyaalee walabaa waliin tahuun BBC'n waraana kanaan loltoota Raashiyaa keessatti du'an bara 2022 irraa qabee galmeessaa turan.

    Tarree maqaa loltoota ajjeefamanii gabaasota ifattii miidiyaalee hawaasaa, gaazexaafi awwaalcha irraa kan funaanamni dha.

    Hamma ammaa BBC'n loltoonni 223,539 Yukireen keessatti otoo Raashiyaaf lolanii du'an mirkaneessuu danda'eera.

    Haa tahu malee loltoonni waraana kanaan du'an lakkoofsi caalu akka danda'u ogeeyyiin waraanaa ni himu.

  4. Mootummaan Baangilaadish gafarsa 'Doonaald Tiraamp' jedhame Iida irratti qalamuuf ture oolche

    Gafarsa korma 'pirezidant Doonaald Tiraam' fakkaatu

    Mootummaan Baangilaadish gafarsa kormaa 'Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp' fakkaata jedhamuun oduu ijoo ta'e, akka hin qalamne gidduu seenuun oolchuu hime.

    Gafarsi kormaa kun ayyaana Iidii irratti qalamuuf ture.

    Gafarsi rifeensa isaa keelloon 'Doonaald Tiraamp' fakkaata jedhame kun, harka mootummaa Baangilaadish kan gale yoo ta'u, kunuunsa isaatiifis mootummaadhumatu itti gaafatama isaa fudhateera.

    Mootummaan Baangilaadish gafarsi kun akka qalmaaf hin dhiyaanne kan murteesse guyyaa Ayyaana Iidaa dursee yoo ta'u, Ministirri Dhimma Biyya keessaa Baangilaadish Salaahaddin Ahimad, dhimma kana addatti fudhatee duukaa bu'aa jira jedhameera.

    Ministirri Dhimma Biyya keessaa Baangilaadish BBC Beengaalitti akka himetti gafarsa kormaa kana bituun "Doonaald Tiraamp" jechuun moggaaseera.

    Kana malees, mootummaan sanyii gafarsa kormaa kana akka horuuf irratti hojjechaa jira jedheera.

    Gafarsi kormaa albiinoo qabu kun guyyaa Iid Al Adahaa dursee ture Baangilaadish keessatti beekamaa kan ta'e.

    Abbaan korma kanaa umuriin isaa waggaa 37 ta'e Zi'aaddin akka jedhetti, obboleessa isaati gafarsa kiiloogiraama 700 ulfaatu kana sababa rifeensi isaa keelloo kan Pirezidant Doonaald Tiraamp 'fakkaachuu isaa argee maqaa itti baase.

    Namoonni ji'a Caamsaa kana keessa korma kana ilaaluuf itti dacha'aa jiraachuus hime Zi'aaddin.

  5. Ministirri Hajaa Alaa Paakistaan gita isaanii Ameerikaa Maarkoo Rubiyoo waliin marii'achuuf Waashingitan galan

    Ministira Hajaa Alaa Paakistaan Ishaaq Daar

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Hajaa Alaa Paakistaan Ayishaaq Daar Jimaata har'aa Waashingitan deemuun gita isaanii Ministira Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin marii'achuufi.

    Ministrichi gara Waashingitan kan deeman Islaamaabaad Iraaniifi Ameerikaa gidduutti waraanni adeemu akka dhaabbatuufi nagaan akka bu'u yerooo tattaaffii gochaa jirtutti dha.

    Ministarri Hajaa Alaa Paakistaan ibsa kennaniin marii Ruubiyoo waliin taasisaniin ''hariiroo gama lamaa fi fedhii waloo naannoofi idil-addunyaa irratti,'' marii'atu.

    Ameerikaafi Iraan mariin nagaa taasisan bu'aa waan hin buusneef Ameerikaan Iraan irratti torbee kana haleellaa qilleensaa raawwataa turte.

    Haleeellaa Ameerikaan raawwatte hordofee mootummaan Iraan tarkaanfii fudhachuun ''buufata humna qilleensaa Ameerikaa,'' haleeluu ibseera.

    Waraannii Ameerikaafi Iraan gidduutti adeemsifamu baatii sadii kan guute yoo tahu Ulaan Hormuuz cufamuu dabalatee gatiin boba'aa akka ol ka'uuf sababa taheera.

    Waraaan baatii sadii guute kana dhaabsisuuf mariintaasifamu firii osoo hin argamsiisiin hafeera.

    Ameerikaan ofirraa ittisuufi sababa jedhuun qiyyaafannoowwan Iraan irratti haleellaa raawwatteetti. Akka haaraatti haleellaa banuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu ni sarba.

  6. Baarseloonaan Antoonii Gordan paawundii miliyeena 69n Niwukaasil irraa mallatteessisuuf waliigalan

    Antoonii Gordan

    Madda suuraa, Gett

    Baarseloonaan taphataa Niwukaasil Antoonii Goordan paawundii miliyeena 69n mallatteessise.

    Gordan Waancaa Addunyaaf garee biyyaalessaa Inglaand waliin gara US osoo hin imalin dura wantoota barbaachisan hunda ni xumura.

    Baayar Muunikis Antoonii Goordan fudhachuu Niwukaasil Yunaayitid waliin dubbataa kan ture ta'us, garaa garummaa osoo hin dhiphisin hafuurraa kan ka'e Baarselonaan fudhate.

    Gaggeessa kilaba Niwukaasil kan ta'an Deeviid Hopkinsan taphattoota keenya "waliigaltee ofii barbannu qofaan gurgurra" jedhan.

    Kilabichi bara kana dorgommii Piriimeerliigii haala gaarin hin xumurre- sadarkaa 12ffaadhaan xumure. Kanaaf ammoo ganna kana deebisee of ijaaruu barbaada.

    Tapha Piriimeerliigii xumuraa bara kanaa Niwukaasil 2-0dhaan Fuulhaamiin injifatamerratti deeggartoonni Niwukaasiil Antoonii Goordaniif sirbanii miira gaariin gaggeessaa godhaniifii ture.

  7. Waraanni US Iraanirratti haleellaa gaggeesuu beeksise

    Xayyaara waraanaa doonii waraanaa irraa ka'aa jirtu

    Madda suuraa, US Navy via Getty Images

    Humni Waraanaa US magaalaa buufata doonii Iraan taate Baandar Abbaas irratti haleellaa gaggeessuu beeksise.

    Ajaji Giddugaleessaa US buufata waraanaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu ibsuun, dirooniwwan afur Iraanirraa dhukaafaman erga rukutee booda dirooniin shanaffaan dhukaafamuuf yeroo jedhutti bakka dirooniin irraa dhukaafamu haleeluu beeksise.

    Miidiyaalen Iraanis magaalaa Baandar Abbaas keessatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuu gabaasan.

    Haleellaan kun guyyaa sadi keessatti si'a lammaffaa kan gaggeeffame yoo ta'u, yeroo mariin biyyoota lamaan gidduutti gaggeeffamu akkuma itti fufetti jiruttidha.

    US haleellaa kana waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuuf osoo hin taane of ittisuu qofaaf akka gaggeessitu ibsiteetti.

    Iraan ammoo haleellaan akkanaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan cabseedha jechuun himatti.

    Ajaji Giddugalaa US tarkaanfii waraanaa kana haleellaa "murtaa'aa of ittisuu qofaa gaggeeffame" jechuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu kabajaa akka jiru beekise.

  8. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera!

    Ameerikaan guyyaa sadi keessatti si'a lammaffaa har'a Iraanirratti haleellaa gaggeessite.

    Dhimma muddama US-Iraan, odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa battalatti isin biraan geenya.

    Karaa marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo nu hordofaa.

    Dhiyaadhaa!