Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaayyaa Gullalleetti Abbootiin seeraa reebamuu fi doorsifamuu hordofee tajaajilli mana murtii adda cite
Obbo Jiinenus Nagaasaa mana murtii Aanaa Yaayyaa Gullalleetti abbaa seeraati. Reebicha Sanbata darbe qaamolee nageenya mootummaatiin irratti raawwatameen miidhaa qaamaa irra gaheen amma hospitaalatti yaala argachaa jiru.
Aanaan Yaayyaa Gulalllee aanoota Shawaa Kaabaa rakkoo nageenyaa qabanii fi hidhattoonni keessa socho'an keessaa tokkodha.
Haala nageenyaa aanichi keessa jiru hordofee mana murtii aanichaatti abbootiin seeraa tajaajila dhaddachaa kennaa turan abbootii seeraa lama qofa.
Ofii taateen kun attamiin mudate?
Abbaan seeraa reebichi irratti raawwatame Obbo Jiinenus kan yaalaaf hoospitaala keessatti argaman taatee kana ilaalchisuun yaada BBC'f kennaniin, reebichi kun kan irratti raawwatame magaaluma aanichaa Fittaal jedhamtu keessatti akka ta'ee fi qaamolee nageenya mootummaatiin ta'uu himan.
"Sanbata xiqqaa ykn guyyaa Qidaame darbe ALI gaafa Amajjii 10, bara 2017 anii fi hiriyaankoo abbaa seeraa ta'e waliin laaqana nyaannee gamoo irra jiraannutti deebi'aan ture. Yeroon achi gahu waardiyyaan balbala nuuf banu to'atamee akka achii hin sochoone itti himamuu natti hime," jechuun jalqabbii taatee sana ibsan.
Itti dabalunis, "warra isaantu natoo'ate jedhan sana ijaan argaa waanin beekuuf itti siqeen gaafadhe. Ati abukaatoo isaatii maaltu si galche' naan jedhan. Balbala akka naaf banee manakootti galuufan jedheen. Booda dhiiseen biraa deebi'e," jedhu.
Furtuu waardiyaa gamoo kanaarraa erga fudhatanii mana isaaniitti galanii qaamoleen nageenya mootummaa 'Humna Fincilaa' jedhamanii fi magaalicha buufatan keessaa ta'uu himan isaan too'achuuf dhufuus dubbatu.
"Ni barbaadamta jedhanii gamoorraa na fuudhanii bu'an. Maalan balleesse jennaan lafatti haasofna naan jedhan. Sana booda dubartoota lama waliin gara kaampii isaanii nageessan" jechuun haala ture himan.
Abbaan seeraa kunis, erga kaampii 'Humna Fincilaa' jedhamuun beekamu kanaa geessaniin boodas abbaa seeraa ta'uusaanii itti himuu fi abbaan seeraa too'atamuufis adeemsa seeraa mataasaa akka qabu itti himatus deebii ''Abbaan seeraa hin too'atamu eenyutu siin jedhe?'' jedhu argachuus himu.
"Kaampii erga na geessanii dalluma seensaarratti kaballaa fi dhiitichaan na jalqaban. Achii kutaa dhiphaa tokko keessa nutursiisan. Daqiiqaa muraasaan booda ammoo miseensumti dura na too'ate sun koottu bahi naan jedhe," jechuun jalqabbii reebiichaa ibsan.
"Kutaa sanaa na baasee mana duuba nageesse. Achitti nama ja'a ta'anii hamma danda'an lafatti kuffisanii qaamakoo hunda dhidhiitan. Qabattoo gara sibiilaatiin fuulakoo nagarafaa turan. Hafuura dhabee jennaan fuudhanii kutichatti na deebisan," jedhu.
Daqiiqaa 20 booda marsaa lammaffaaf sadi ta'anii kutaa too'ataman keessatti warra waliin too'ataman duratti reebicha hamaa miidhaa qaamaaf saaxile irraan gahuus himu.
Obbo Qananiisaa Kabbaboos ogeessa seeraa mana murtii aanichaa yoo ta'an, hiriyaa abbaa seeraa reebame kanaati.
Erga hiriyaasaa kana too'atanii qaamolee too'atan kanaa fi ajajoota isaanii faana dubbachuu hordofee turtii sa'aatii muraasaa booda innis too'atamuu hima.
"Abbaan seeraa yoo balleessaa qabaatelleen adeemsa ittiin too'atamu qaba. Hiriyaankoo kun too'atamnaan qaama dhimmi ilaalutti bibilbilaan ture. Sa'aatii muraasa booda anas dhufanii na fudhatan," jedhu.
Obbo Qananiisaanis guyyuma kana qaamolee nageenya mootummaa 'Humna Fincilaa' jedhamanii fi magaala Fittaal keessa buufatanii jiran kanaan too'atamanii kaampii isaaniitti fudhatamuun sababa bulchaa aanichaa gidduu seenaniif reebamuurraa ooluu himu.
"Osoo dhimma abbaa seeraa hidhame kanaa qaama dhimmi ilaalutti beeksisaa jirruu fi pirezedaantii mana murtii aanaa keenyaa waliin deemnuu paatrooliin 'si barbaanna' jedhanii na fudhatan."
"Abbaan seeraa gatii maal ta'eef hin too'atamu jedhu. Doorsisa hamaatu ture. Anas achi nagalchanii akkuma hiriyaakoo kana nareebuuf qophaa'anii ture. Akka carraa bulchaan aanaa achi dhufee gidduu seenee akka nan reebne narraa dhoowwe," jedhu.
Reebicha irra gaheen mataan, iji, dugdaa fi laphee akkasumas kalee isaarra miidhaan gahuu kan himu abbaa seeraa Jiinenus, buufata fayyaa achi jirutti yaalamee yaala dabalataaf gara Hospitaala Fiicheetti dabarfame.
Guyyaa tokkoon booda ammoo yaala dabalataatiif amma hospitaala naannawa Finfinnee jiru tokko keessatti yaalamaa jiraachuu hima.
"Haala nageenyaa rakkisaa ta'e sana keessa teenyee hojii kana kan hojjennu uummata keenya tajajailuuf. Osoo mootummaaf hojjennuu qaamumti mootummaammoo yoo akkanatti nu reebu kun maal jechuudha," jechuunis gaafata Jiinenus.
'Manni murtii tajaajila dhaabeera'
Sababa rakkoo nageenyaa aanichi qabuuf jecha durumaa abbootii seeraa lamaan qofa tajaajila dhaddachaa kennaa kan ture manni murtii aanaa Yaayyaa Gullallee, amma erga abbootiin seeraa lamaanuu reebichaa fi dorsisaan aanicha gadhiisanii tajaajilli dhaabbateera.
Pirezedaantii mana murtii Aanaa Yaayyaa Gullallee, Obbo Zannabaa Nagaash BBC'tti akka himanitti, manni murtichaa durumaa abbootii seera dhaddacha gaggeessan lama qofa waan qabuuf amma haleellaa irra gaheen lamaanuu aanicha gadhiisanii deemuu himan.
Akkaataa dambii bulchiinsa manni murtii Waliigalaa Oromiyaa baaseen abbaan seeraa tokko yakka cimaa harkaa fi harkatti yoo qabame malee too'atamuu akka hin dandeenyee fi yoo too'atamuu qabaate ammoo dursa mirgi himatamuu dhabuu irraa ka'ee ta'uu akka qabu tumamee jira.
Gochi amma abbootii seeraa aanichaa lamaan irratti raawwatame garuu mirga abbootii seeraa kan sarbee fi adeemsa seeraa kan hin hordofne akka ta'es himan Obbo Zannabaan.
Sababa Reebichaa fi doorsisa abbootii seeraarra gahe kanaanis Wiixata darberraa kaasuun tajaajilli seeraa mana murtii aanichaa adda cituu himan.
Miidhaa abbootii seeraarra gahe kana qaamolee dhimmi ilaallatu hundattu beeksisuu kan himan pirezedaantiin mana murtichaa, gocha raawwatame kanarratti olaantummaan seeraa mirkanaa'uu qabas jedhu.
"Qaamolee godinaa waliin rakkoo gahe kanarratti mari'atamaa jira. Warri yakka kana raawwate too'atamee olaantummaan seeraa mirkanaa'uu qaba. Saniin ala yoo akkanatti itti fufe namni mirga ofiituu hin kabachiisne mirga hawaasaaf dhaabbatee hojii dhaddachaa hojjechuun ulfaataadha," jechuun BBCtti himan.
Manni Murtii Waliigala Oromiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baasen, reebicha abbaa seeraa mana murtii Aanaa Yaayyaa Gullalleerra gahe qorachaa akka jiru beeksise.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.